Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti


Raawwii Bittaa Mala Caalbaasii Ifaa Biyya Keessaa



Yüklə 0,57 Mb.
səhifə6/23
tarix06.09.2018
ölçüsü0,57 Mb.
#78731
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23

18. Raawwii Bittaa Mala Caalbaasii Ifaa Biyya Keessaa


Manneen hojii mootummaa caalbaasii ifaatiin bittaa raawwachuuf sanada caalbaasii idilee Biiroon baasuutti fayyadamuu fi adeemsa raawwii bittaa keewwata kana jalatti tarreeffaman hordofuu qabu.

18.1 Haaldureewwan


Manneen hojii mootummaa caalbaasii ifaa biyyaa keessaa fayadamuun bittaa gaggeessuuf haal-dureewwan armaan gadii guutamuu isaani mirkaneffachuu qabu.

1.Manneen hojii mootummaa dorgomtoota biyya keessatiin feedhii bittaa isaanii guttachuu kan danda’an ta’un yoo itti amanamuu fi bittichi akkaataa qajeelfama kana keewwata 19(2) dangaa maallaqaa bittaa addunyaatiif kaa’ame gadi yoo ta’u,

2.Keewwata kana xiqqaa 1’n kan ibsame jiraatus omishichii ykn tajaajilichi biyya keessatti

qofa kan argamu ta’uun isaa yoo mirkanaa’u daanga maallaqaatiin osoo hin dhorkamiin bittaan caalbaasii ifaa biyya keessaatiin raawwatamu ni danda’a.


18.2. Waamicha Caalbaasii


  1. Dorgomtonni lakkofsi isaani gahaa ta’e caalbaasii irratti akka qooda fudhachuu danda’an gochuuf waamichi caalbaasii gaazexaa uwwisa bal’aa qabuun yoo xiqqaate al tokko maxxanfamee bahuu qaba,

  2. Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 irratti kan ibsame akkuma eggametti ta’ee manni hojii mootummaa akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 keewwata 25 (2) irratti tumamee fi dabalataan malawwan birootti fayyadamuun waamicha gochuu ni danda’a.

  3. Beeksisni Waamicha caalbaasii qabxiiwwan ijoo armaan gadii qabaachuu qaba,

  1. Maqaa fi teessoo mana hojii waamicha caalbaasii taasisuu,

  2. Gosa fi baayina meeshaa ykn tajaajila bitamu fi yoo danda’ame iddoo walharkaa fudhinsii itti raawwatu, gosa hojii ijaarsaa fi iddoo itti hojatamu fi iddoo tajaajilli gorsaa itti kennamu,

  3. Dorgomtoonni kaadhimamoo caalbaasicha irratti qooda fudhatan ulaagaalee guutuu qaban,

  4. Iddoo sanadni caalbaasii itti argamu,

  5. Hamma kabachiisa caalbaasii qabsifamuu qabu,

  6. Sanada caalbaasii bitachuuf gatii kaffalamu fi haala itti kaffalamu,

  7. Yeroo dhumaa sanadni caalbaasii itti galii ta’u fi guyyaa, iddoo fi sa’aatii itti banamu,

  8. Qaamni bittaa raawwatu caal-baasicha gar-tokkeen ykn guutumaan guutuutti haquudhaaf mirga qabaachuu isaa fi,

  9. Dhimmoota dorgomtootaaf ibsamuu qabani fi mana hojii bitta gaggessuu itti amaname biroo qabachuu qaba .

4. Waamichi caalbaasii haala labsicha keewwata 17 jalatti tumameen qophaa’u qaba.

18. 3. Sanada Caalbaasii

18 .3. 1. Sanada Caalbaasii Idilee


  1. Manneen hojii mootummaa akkaataa labsii keewwata 27 jalatti tumameen sanada caalbaasii bittaaf qopheessanii fi sanada caalbaasii idilee Biiroon baasuutti gargaaramuun akkuma eggameetti ta’e, sanadni caalbaasii qophessan kanneen qajeelfama kana keessatti tarreeffaman haammachuu qaba.

  2. Manneen hojii mootummaa sanada caalbaasii yeroo qopheessan qajeelfama dorgomtootaa fi haala waligaltee waligalaa Biiroon qophessu irratti jijjiirra osoo hin taasisiin kallattin fudhachuun sanadota hafan irratti haalaa fi amala bittaa isaanitiin foyyessuun qopheffachuu ni danda’u.

  3. Sanadni caalbaasii bittaa abbummaadhaan kan qophaa’u adeemsa bittaatiin ykn garee bittaatiin ta’e, bittaa murtee koree raggasistuun raawwatamuuf sanadni caalbaasii qophaa’u hojiirra osoo hin ooliin dura koree raggaasistuu bittaatiif dhiyaatee fudhatama argachuun isaa mirkanaa'uu qaba.



18.3.2 Sanada caalbaasii qophaa’uu


Bittaawwan caalbaasii kamiifiyyuu qaamoleen bittaa raawwatan sanadni caalbaasii qopheessuu qaban afuur yoo ta’an isaanis;

  1. Qajeelfama dorgomtoota / instruction to bidders/

  2. Tarreeffama meeshichaa ykn tajaajilichaa / specification /

  3. Uunkaa dhiyeessa yaada dorgommii caalbaasii gabatee gatii kan qabatu /price schedule/

  4. Haalawwan waliigaltee /condition for contract/

18.4. Qajeelfama Dorgomtootaa


  1. Manni hojii mootummaa bittaa gaggeessuu kamiyyuu qajeelfama dorgomtootaa qaama sanada caalbaasii idilee ta’e qophaa’ee fi gabatee facaatii odeffannoo bittaa qaama sanada caalbaasii taasisuun dorgomtootaaf kennuu qaba.

  2. Qabiyyee qajeelfama dorgomtootaa sanada caalbaasii idile irratti foyya’insi kamiyyuu hin taasifamu. gabatee facaati odeffannoo bittaa irratti garuu akkaataa barbaachisummaa isaatiin foyya’insa taasisuun ni danda’ama.

  3. Akkaataa Labsii sirna bittaa keewwata 27 qajeelfamni dorgomtoota kanneen armaan gadii qabaachuu qaba.

    1. Dorgomtootni biyya keessaa tarreeffama dhiyeessitootaa keessatti galmaa'uu isaani waraqaa ragaa qabaachuu qabu.

    2. Dorgomtootni caalbaasii biyya keessaa gibiraa kaffaluu isaanii kan mirkaneessu ragaa Biiroo Galiiwwanii, ykn Abbaa Taayitaa Gumuruukaa ykn Galii Biyya keessaa Feedaraalaa irraa ragaa kan dhiyessan ykn heyyama daldalaa haaraa ykn kan haaromfame dhiyeessu qabu.

    3. Dorgomaan biyya keessaa bittaa gatiin isaa Qar. 100,000.00 ol ta’e irratti hirmaatu kamiyyuu kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaaf /VAT/ galmaa’uu isaa kan mirkaneessu waraqaa ragaa dhiyeessuu qaba.

    4. Dorgomtootni biyya alaa biyya itti dhaabbatan irraa waraqaa ragaa galmeeffama kubbaaniyyaa ykn heyyama daldalaa dhiyeessuu qaba.

    5. Dorgomaan gocha malaamaltummaa fi qisaasa irraa bilisa ta’u, seerota Federaalaa fi Naannoo kan kabajuu fi sanada yaada dorgommii fi sanada caalbaasii waliin unkaa jiru irratti wadaa seenuun mallatteessuu qaba.

    6. Dorgomtootni caalbaasicha gufaachisuuf yaalan caalbaasii ala akka ta'aan, gara fuulduraattiis bittaa mootummaa irratti akka hin hirmaannee fi kabachiisa caalbaasii qabsiisan akka dhaalaman ibsamuu qaba.

    7. Caalbaasii kamiyyuu gamaaggamuuf malawwan gamaaggamaa fi waldorgomsisaa hojii irra oolan ykn tarreeffama ulaagaalee ykn qabxii ulaagaaleen tokkoo tokkoon qaban agarsiisu qophaa’uu qaba.

    8. Sanadni yaada dorgommii dorgomtootaan dhiyaatu gosa meeshichaa, maqaa oomisheessaa, biyya itti oomishame, lakkoofsa moodeelaa fi bara itti oomishame facaatii agarsiisuu qaba.

    9. Sammudni meeshaalee dorgomtootaan dhiyaachuun barbaachisa yoo ta'e, sammudni barbaadaman bakkaa itti dhiyaatan fi akka barbaachisa isaatti yeroo dorgomtootaan itti ilaalaman fi iddoo ,akkasumaas , sammudota kanneen dorgomtoota caalbaasii mo'amaniif kan deebi'u ta'uu ykn deebi’uu kan hin dandeenye ta’uu,

    10. Dorgomtootni caalbaasichi erga banamee booda yaada dorgommii caalbaasii dhiyeessan irratti jijjiirama ykn fooyya'iinsa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahuu akka hin dandeenye,

    11. Bakka sanduuqni caalbaasii itti argamuu fi erga caalbaasiin cufamee booda sanada yadaa dorgomii caalbaasii dhiyaatu fudhatama akka hin qabne kan ibsu,

    12. Wabummaa kabachiisa caalbaasii ykn kabachiisa waliigaltee gaafatamee fi yeroo wabummaan itti dhiyaatu fi raga’ee itti turu ibsuu,

    13. Malawwan caalbaasii gamaggamuuf itti fayyaadaman, ulaagaalee gamaggama kanaaf barbachisuu fi ga'ee qabxii uulagaan kun qabacchuu qabu, akkaasumaas , dorgomtootni lamaa fi lamaa ol gamaaggamaan qabxii wal-qixaa yoo argataan , moo'ataa caabaasii adaan baasuuf yaada dorgomii haala itti dhiyaatuu fi uulaga isaa.

    14. Yeroo gatiin caalbaasii raga’ee itti turuu fi bakka wal-haarkaa fudhiinsaa ibsuu,

    15. Dorgomtootni sanada yaada dorgommii dhiyeessan irratti maqaa, teessoo fi mallattoo isaanii barreessuu akka qaban ibsuu,

    16. Caalbaasichi Invelooppii tokkoon ykn lamaan kan dhiyaatuu ta’uu ykn akkataa Inveloopponni itti saamsamuu, sanadoota oriijinaalaa fi waraabbii, baay’ina waraabbii fi qaama aangoo qabuun kan mallatteeffamee fi chaappaa qabaachuu akka qabu,

    17. Haala ragaan deeggaraa itti dhiyaatu fi bakka sanduqni caalbaasii itti argamu ibsuu,

    18. Bittaa biyya keessaa dorgomtootni sanada caalbaasichaa irratti ibsa ykn gaaffii fooyya'insaa dhiyeessuu akka danda'aanii fi yaada foyya’insaa bittaa biyyaa keessaaf guyyaa caalbaasiin banamuun guyyaa 5 dura ykn bittaa addunyaaf guyyaa 21 dura dhiyeessuu akka qabu,

    19. yeroo raawwii waligaltee irratti sirreeffama gatii taasisuu kan hayyammamuu ta'u ykn dhiisuu isaa fi sirreeffamni gatii kan hayyamamuu yoo ta’e haala itti raawwatamu,

    20. Ilaalcha adda oomisha biyya keessaaf labsiidhaan hayyamamee ibsu,

    21. Manni hojii mootummaa bittaa raawwate dorgomaa moo’ataa ta’ee filatame waliin waligaltee osoo hin mallatteesiin dura gatii ittiin mo’ateosoo hin jijjiiriin baay’ina dhiyeessi ajaja itti kennuu irraa %20 hir’isuu ykn dabaluu akka danda’u.

    22. Dorgomtootni adeemsa raawwii caalbaasii irratti komii yoo qabaatan akkaataa Labsii bittaa keewwata 61 fi 62n komii iyyataan dhiyeeffachuuf mirga akka qaban,

    23. Qaamni bittaa raawwatu caalbaasiicha haquu dhaaf mirga kan qabu ta'uun isaa ibsamuu qaba.

    24. Nyaata caalbaasii baasuu keessatti yeroo ykn saa’aatti cireen, laqqanii fi irbaatni itti dhiyaatu ibsuu qaba.

    25. Nyaataa guyyaatti baajatni faayyadamaa tokkoof cireef, laqqanaa fi irbaataaf ramaduu sanadaa caalbaasii keessatti ifaatti ibsamuu qaba.

    26. Baay’ina, qulqullinaa fi sadarkaa nyaataa ibsamuu qaba.



Yüklə 0,57 Mb.

Dostları ilə paylaş:
1   2   3   4   5   6   7   8   9   ...   23




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin