Karoora fiizikaalaa fi faayinaansii bara 2009



Yüklə 1,01 Mb.
səhifə1/11
tarix17.01.2019
ölçüsü1,01 Mb.
#99681
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11



Karoora FIIZIKAALAA FI FAAYINAanSII Bara 2009

Abbaa Taayitaa To’annaa Dhaabbilee Misooma Mootummaa Oromiyaa



Ebla, 2008

Finfinnee

Baafataa Fuula



KUTAA I 2

1.Seensa 2

2.1. Sakata’iinsa Mana hojii (Enviromental Scaning) 3

2.1.1. Angoo fi Ga’ee Mana Hojii ATTDhMMO 4

2.1.2. Ergama Mul’ata fi Duudhalee ATTDhMMO 7

Kaayyoo Gooroo 7

2.2. Xiinxala Haala Keessaa fi Alaa (Internal and External Situation Analysis) 9

2. Karoora Hojii Bara 2009 42

2.1. Kallatiiwwan raawwii karooraa 2009 42

3. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa fi Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo (Strategic Themes & Results) 43

3.1. Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa (Strategic Themes) 43

3.2. Bu’aa Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa (StrategicThemes Results) 43

4. Kaayyoo Tarsimoo’aa Abbaa Taayitaa To’annoo Dhaabbilee Misooma Mootummaa 43

Hojiiwwan Tarkaanfiiwwan Tarsiimaa’a keessatti bara 2009 tti hojjetaman 44

Hojiilee Qulfii fi Gurguddoo Karoora Bara 2009 44

Karoora Hojii Bara baajataa 2009 keessattii dhimmootaa kallattii Arfanniin hojjetaman 44

5. Karoora humna Namaa fi Faayinaasii ATTDhMMO 53

5.1 Karoora Humna Namaa 53

5.2. Karoora Faayinaasii 54

Kutaa III 54

Yaadoowwanii fi Soodaawwan (Assumptions and Risks) 54

6.Sirna Deggersaa, Hordoffii fi Gamagamaa 55

7.Kaayyoolee, Safartuulee, Manii fi Tarkaanfii-wwaan Tarsiimoo’aa (OMTI) Bara hojii 2009 56

8.Tilmaama sabsiiwwan barbaachisanii 69




KUTAA I

  1. Seensa


Mootummaan Naannoo Oromiyaa erga hundeeffamee kaasee guddina ittifufiinsa qabu fi misooma ariifachiisaa dhugoomsuun hiyyummaa dhabamsiisuuf imaammata, taarsiimmoo misoomaa fi kaayyoo yeroo gabaabaa fi giddugaleessaa baasee hojiirra oolchaa tureera. Qaama karoora giddugaleessaa kan ta’e karoorri waggaa shanii (2003-2007) mootummaa naannoo karoora waggaa shanii kan biyyoolessaa, galmoota misoomaa barkumee (MDGs) fi haala qabatamaa naannoo keenyaa giddugaleessa godhachuun qophaa’ee hojiirraa oolee jira.
Karooraa Guddinaa fi Traanfoormeeshinii waggaa shaniif kaa’amee bara 2007 xumuramee keessatti Dhaabileen Misoomaa Mootummaa Oromiyaa gama mootummaatiin hoogansa cimaa dhiyeenyatti argatanii bu’aa isaan irraa eegamuu fiixaan baasuu akka danda’aniif Abbaa Taayitaa Too’annoo Dhaabilee Misoomaa Oromiyaa (ATTDhMMO) labsii lakk.163/2003 tiin aangoof gaheen hojii isaaf kennamuun isaa ni yaadatama. ATTDhMMNOs raawwii hojii DhMM bara KGT tokkoffaa keessatti seektara amala hojiitiin walitti dhufamuun (walfakkaatuun) milkaa’ina karoorichaatiif gumaacha taasifamee KGT II tiif galtee taasifachuudhaan barii waggaa jaliqabaa KGT II xumuramee jira.
Haala xiinxaala wagoota darban gaggeefameen raawwiin karoora dhaabbilee misoomaa akkaataa feedhii misoomaa guddaa jiruun ta’uu baatuu illee, milka’ina KGT II tiif raawwiin waggaa duraa KGT II kuns fooyyee kan qabu akka turan arguun danda’ameeraa.
Haaluma kanaan ATTDhMMO dandeetti raawwachiisummaa isaa cimsuun DhMMO sirna oggansa ammaya’aan ogganamanii bu’aa qabeesummaa isaanii akka cimee gabaa keessatti gahumsaan dorgomaa ta’anii akka bahaniif hojii dandeetii raawwachisummaa dhaabbilee misoomaa cimsan irratti xiyyeefatee hojjechuuf karooraa bara 2009 qopheefatee jira.
Karoori ATTDhMMO bara 2009 kunis ergama itti kenamee haala gahumsaan bahuu dandeesisutti kaayyoowwan tarsima’a gurguddoo dandeetii raawwchisummaa dhaabbilee misoomaa cimsuu fi hojiiwwan qorannoo pirojektoota guddina hawaas-dinagiddee naannichaa keessatti faayidaa tarsima’aa qaban irratti kan xiyyeefatee dha.

2. Sakatta’iinsa Naannoo (Environmental Scan)

2.1. Sakata’iinsa Mana hojii (Enviromental Scaning)

Waggoota kurnani lamaan darabanii keessaa Mootummaan biyyoleessaa fi naannoo Oromiyaa guddina hawaas-dinagdee itti fufinsa qabu mirkaneesuuf Imaammataa fi tarsimoowwan misoomaa adda-addaa baasuun hojii irra olchaa tureera. Raawwii karoora misoomaa yeroo-yeroon xiinxaaluun hanqinaalee muli’ataniif falli tarsima’awaa ta’an ka’amaa akka turaniis beekamaa dha. Hanqinaalee dandeetii raawwachisummaa raawwii karooraa keessatti turan bu’uraan hiikuufiis bara 1998 kaasee dhaabbileen misooma Mootummaa adda-addaa hojii ijaarsaa bu’uraalee misoomaa fi seektara qonnaa keessatti hojetan yeroo-yeroon qaawwa jiru xinxaaluun akka hundeefaman ta’eetii jira. Dhaabbilee misooma Mootummaa naannoo Oromiyaa hanga bara 2003tti hundeefaman bifa bitina’een ta’uus ergama hundeefamasanii galmaan gahuuf sochii taasiisaa turaniin hojiiwwan fakki ta’an heddu raawwatamera, dandeetiin raawwachisummaa guddaaniis horatamee jira.

Haaluma kanaan, muxannoo dhaabbilee misoomaa keessatti horatamee bifa bitina’ee jiru qaama tokko jalatti qindeesanii, gurmeesanii oggansa tarsima’aa ta’een ogganuun, dandeetii raawwachisummaasaanii cimisuun kaleessaa galma gahiins KGT 1ffaa keessatti gumaacha guddaa akkuma gochaa turan hari’as KGT 2ffaa keessattis gumaachaa isaan irraa eegamuu gahumsaan akka bahan taasiisuun barbaachisaa ta’ee argama. waan ta’eefs Labsii Aangoo fi itti gaafatamuummaa qaamolee raawwchistu Mootummaa naannoo Oromiyaa irra deebi’anii hundeesuuf bahee Lakk 163/2003n ATTDhMMO akka hundeefamuu ta’ee jira. Dabalataanis labsii dhaabbilee misoomaa Mootummaa naannoo Oromiyaa lakk. 181/2005 baheeniis dhaabbilee misooma mootummaa Naannoo Oromiyaa dhiyeenyatti hogganuu, to’achuu, hordofuu fi dandeetii raawwachisummaasaanii irratti xiyyeefatee akka hojatu angoo fi gaheen hojii kennameefii jira.

Haaluma kanaan ergama ittin hundeefame galmaan gahuuf Bara 2003 kaase Dhaabbilee Misooma Mootummaa jaha (6) kanneen akka Dhaabbata Dizaayinii To’annoo Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa (DhDTHBO), Intarpiraayizii Ijaarsa Hojiiwwan Bishaan Oromiyaa (IIHBO), Intarpiraayizii Ijaarsa Daandiiwwan Oromiyaa (IIDO), Dhaabbata Gabaa Omisha Qonnaa Oromiyaa(DhGOQO), Intarpiraayizii Sanyii Filatamaa Oromiyaa (ISFO) fi Dhaabbata Bosonaa fi Bineensa Bosona Oromiyaa (DhBBBO) ofi jalatti gurmeesuun hojii isaa kan eggalee yoo ta’uu yeroo ammaa Intarpiraayiizii Diriiliingii Oromiyaa(IDO) bifa haaraatii IIHBO irraa adda bahee akka ijaaramu taasiisuun dhaabbilee misooma Mootummaa torba (7) ogganaa kan jiru dha.

Bara hundeeffama isaa 2003 kaasee gama tokkoon humna raawwachiisummaa keessoo isaa cimsaa, gama biraan immoo hordoffii, deggersa fi to’annoo raawwii karooraa dhaabbilee misoomaa wali irraa hin cinnee taasiisuun, hojiiwwan humna raawwachiisummaa DhMMO cimsuu fi haala qabatama rakkoolee dhaabbolee misoomaa qorannowwan adda-addaatiin adda baasanii kalattii fi deegarsa tarisima’aa kenuu irratti xiyyeefatee hojechaa tureera.

Raawwii karooraa keessatti gurmaa’insa ergama hundeeffama isaa galamaan gahuu dandeesiisuu uumuuf bara 2005 keessa qorannoo JBAH gageesuun Daarektooreetii Hojii Ijoo lama (Daarektooreetii Hojii Deegarsaa, Hordofii fi Gamaagama raawwii karoora dhaabbilee Misoomaa fi Daarektooreetii Hojii Ijoo Qorannoo, Qo’annoo fi Dagaaggina Bizinasiin) fi Daarektooreetii Hojii Deggersaa (Daarektooreetii Hojii Qabeenya Humna Namaa, Daarektooreetii Hojii Bulchiinsa Faayinaansiif Bittaa, fi Daarektooreetii Hojii Dhimmoota Kominikeeshinii akkasumas garee hojii deeggarsaa Toorbaa (Odiitii, Seera, Naamusaa, Koorniyaa, Dargaggoo fi HIV/ADIS, Boordii fi Karoora ATT.) Walumaagala:-



      • Daarektooreetii Hojii Ijoo 2

      • Daarektooreetii Hojii Deegarsaa 3

      • Garee hojii deeggarsaa 7 tiin gurmaa’insa isaa sireefatee jira.

Haala gurmaa’insa kanaatiin waliigala humna namaa caasaan hayyamamee keessaa bara 2008 kana keessa %90 irraan ga’uuf karoorfatnee yeroo amma %89 kan guutate yommuu ta’u; waliigala hojetootaa 57n (ogeesoota teekiniikaa 25 (% 44) fi Hojetoota deegarsaa 32 (% 56) tiin hojechaa tureera.

Bara karoora 2007 keessattis qorannoo Sirna Madaallii Bu’aa karoora Tarsima’aa/ SMBKT/ gaggeesuun karoora fi madaalli hojii kallattii kanaan bara kana yaali keessa kan turamee yoomuu ta’u karoorii bara 2008 kunis bu’uruma kanaan qophaa’ee ittiin raawwatama kan tureef madaliin mana hojii hanga nama dhuunfaattis ittiin raawwatamee jira.



Yüklə 1,01 Mb.

Dostları ilə paylaş:
  1   2   3   4   5   6   7   8   9   10   11




Verilənlər bazası müəlliflik hüququ ilə müdafiə olunur ©muhaz.org 2024
rəhbərliyinə müraciət

gir | qeydiyyatdan keç
    Ana səhifə


yükləyin